(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 15,2009) Barattootni Oromoo kana kan beeksisan Yunversitii Adaamaatti baatii lamaaf barmoota fudhachaa turan erga xumuranii booda Fulbaana 06,2009 walitti dhufanii dhimma QBO irratti erga mari’atanii booda.
Ilmaan Oromoo kunniin dhimmoota jajjaboo rakkoolee hawaasni Oromoo karaa siyaasaa, dinagdee fi hawaasummaa keessatti kufee jiru ilaalchisuun mari’ataniiru. Addatti dhimmoota ijoo ta’an sadii haala QBO ABOn durfamu, dhiibbaa mootummaan gabroomfattuu wayyaanee umrii isaa dheereffachuuf ummata Oromoo irraan geessisaa jiruu fi shira QBO irratti qaamota adda addaan xaxamu irratti gadi fageenyaan mari’ataniiru.
Barattootni kunniin baatii lamaan barmoota irra turanittis seenaa Oromoo, sabboonummaa dagaagsuu fi haala qabsoo ummata isaanii irratti yeroo yeroon mari’atuun barmoota waliif kennaa akka turanis gabaafameera.
Sabboontotni Oromoo kun xumura walgahii isaanii irratti ibsa ejjennoo qabxiilee adda addaa qabu baafatan. Ibsa ejjennoo isaanii kanaanis, haga bilisummaa Oromootti ABO cina hiriiranii falmaa haga wareegamaatti kan godhan ta’uu beeksisan.
Mootummaa wayyaanee dabalatee diinota tokkummaa Oromoo kanneen gamtaa sabichaa diiguuf shira xaxan maraa kan balaaleffatanii fi gocha isaanii dura dhaabbataniis kan fashalsan ta’uu eeraniiru. Mootummaan wayyaanee filannoo dhufu irraa sodaa itti buleen kana irraa dhiibbaa karaa barmootaa nu irraan geessisee fi geessisuuf jiru mormaa, qonnaan bulaa maqaa dhahatuun nagada siyaasaa itti jirus ni balaaleffanna; ummatni keenyas kana beekee akka of qusatu gaafanna jedhaniiru.
Hawaasa keenya barsiifnee maadhee fi jaarmayaan ni ijaarra kan jedhan sabboontotni Oromoo Yunversitii Adaamaatti barmoota irra turan kun, shira lukkeeleen wayyaanee ummata keenya irratti xaxxu cal’ifnee hin ilaallu jedhan.
Dhuma irrattis of qusannaa tokko malee dinagdee, humnaa fi qabeenya qabnuun gaachana ummata Oromoo WBO bira kan dhaabbatan ta’uu ibsuun, ummatni Oromoo tokkummaa isaa daran cimsatee qabsoo isaatti akka jabaatu waamicha lammummaa godhaniiruuf.
******
Naannolee Itophiyaa adda addaa keessatti namootni 18,000 ol ta’an dhibee koleeraa fi garaa yaasaan qabamuu Reuters beeksise.
(Madda Oduu ABO/MOA/Fulbaana 15,2009) Reuters dhaabbattoota fayyaa addunyaa fi kan Tokkummaa Mootummootaa waabeffachuun gidduu kana akka beeksisetti, naannolee empaayera Itophiyaa gara garaa keessatti torbanoota 3 gidduutti namootni kuma 18,000 ol ta’an dhukkuba koleeraa fi garaa yaasaan qabamaniiru.
Magaalaan Finfinnees bakka dhibeen koleeraa fi garaa yaasaa itti ummata hubaa jiru ta’uu gabaasa Rueters kanaan tuqameera.
Ayyaana jiruun wal qabatee, akkasumas wayta manni barumsaa banamuuf jiru kanatti dhibeen koleeraa fi garaa yaasaa kun daran babal’achuu akka danda’uu fi ummata miidhu Waajjirri Qindeessaa Dhimma Namoomaa Tokkummaa Mootummootaa OCHAn hubachiiseera.
Gama biraan lakkoobsa dhukkubsattootaa Rueters ifa godheen alatti, lakkoobsi namoota koleeraa fi garaa yaasaan qabamanii kan baadiyaalee fageenya irra jiranii fi jaarmotni namoomaa dhaqqabuu hin dandeenye keessatti dhumataa jiran lakkoobsi isaanii kumoota hedduu akka ta’e maddeen gabaasaniiru.
MOA
|